Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti barataan dhokatee mana barumsaa shamarranii seene ajjeefame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Keeniyaatti barataan ganna 17 wayita dhokatee mana barumsaa shamarranii seenuu qabame, reebicha irra ga’een lubbuun isaa darbuu poolisiin ibse.

Mana barnootaa shammaranii Kiyaambuu keessatti argamu barattoota dhokatanii seenaan 6 keessaa barataan kutaa 12ffaa kun isa tokko ture.

Barattoonni kun barii sa’aatii 10tti doormii kan seenan yoo ta’u, barattoonni dubaraa muraasni yeroo isaan argan iyya dhageessisan.

Eedgooti mana barumsichaa, hojjattoonnii fi barsiisaan isaaniif birmataniiru.

Barattoonni shan yemmuu miliqan barataan inni qabame barrattoota aaranii fi hojjattootaan tumameera.

Reebicha irratti raawwataniin miidhaa guddaa irra geessisaniiru jedhame.

Boodarra mucaan kun miidhaa irra ga’een lubbuun isaa darbju tiwiitara isaan ibsaniiru.

Qorattoonni bakka yakki kun itti uumame sakkata’an ulee tarii mucaan kun ittiin reebameera jedhanii shakkan argachuu isaanii ibsaniiru.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.