Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni seenaa Artisti Usmaayyoo Musaa eebbifame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)-Kitaabni seenaa Artistii fi Qabsaa’aa Oromoo Usmaayyoo Musaa guyyaa har’aa Hoteela Intarnaashinaalii Ililliitti eebbifame.

Artisti Usmaayyoo Musaa mirgaa fi wal qixxummaa Oromoof qabsaa’uun sirboota qabsoo sirbaa kan ture yoo ta’u, manneen hidhaa garaagaraa keessatti dararaa hedduu keessummeessun kan wareegameedha.

Haaluma kanaan seenaa qabsaa’aa Oromoo kana yaadachuuf kitaaba seenaa artistichaa dabalatee sirba isaa hojjatamee osoo ummata biraan hingahin hafe, dhala isaa Weellistuu Saartuu Usmaayyootiin qophaa’un eebbifameera.

Sirna eebbaa kanarrattis namoota bebbeekkamoo, artistoota, jaarsolii biyyaa fi abbootii Gadaa dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Kitaabnii seenaa Usmaayyoo Muusaa Gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaatiin kan barreeffameedha.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.