Fana: At a Speed of Life!

Komiishinar Fitsuum Asaffaa yaa’ii waliigala DhMG cinaatti waltajjii gaggeeffameerratti hirmaatan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)-Komiishinarri Komishinii Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa Ameerikaa Niwuu Workitti gaggeeffama kan jiru yaa’ii waliigala 76ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti waltajjii gaggeemeerratti hirmaataniiru.

Dooktar Fitsuum Asaffaa waltajjichaan, Ityoophiyaatti waggoota kurnan darbaniif hiyyummaa hir’isuurratti hojiiwwan hojjetamaan kaasaniiru.

Kana cinaattis hojiiwwan karooraa misoomaa, to’annaa fi gamaggamaarratti gufuu kan ta’aan adda basuuf hojii hojjetamaan irratti marii taasisaniiru.

Biyyatti hiyyummaan walqabsiisee safartuuwwan fayyadamturratti ibsa taasisaniiru.

Ityoophiyaan karoora waggoota 10 dhiyeenyaa ifoomsiteerratti safartuuwwan fooyya’aan hojiirra olchuuf fedhi isheen qabdu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.