Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin poolisii federaalaa ayyaanichi haala ho’aan akka kabajamuuf qophii taasisuu beeksise

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Guutuu biyyattitti hawaasni ayyaana Faasikaa rakkoo nageenyaa tokko malee haala ho’aa ta’een akka kabajuuf qophii ga’aa taasisuu Komiishiniin Poolisii Federaalaa  beeksiseera.

Komishinarri komishinii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ayyaana Faasikaa sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Komiishiniin Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa nageenya hawaasa eeguuf hojiiwwan nageenyaa hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kutaalee biyyatti hundaatti haleellaa lammiilee nagaarra ga’aa jiru hambisuuf qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoominaan duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiraachuu eerraniiru.

Guutuu biyyattitti hawaasni ayyaana Faasikaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajuuf poolisiin qophii taasisuu himaniiru.

Ayyaanichi kan nagaa, jalaalaa fi fayyaa akka ta’uuf hawwuusaanii ragaan ragaan Komishinicharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.