Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Too’annaa fi Inispeekshinii Giddugala Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira

Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) –  Komishiniin Too’annaa fi Inispeekshinii Giddugala Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira

 

Komishiniin Too’annaa fi Inispeekshinii Giddugala Paartii Badhaadhinaa sochii hojii jijjiirama duraa fi booddee fi qorannoo qindoomina ijaarsa komishinichaarratti magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

 

Waltajjii guyyaa lama turuun hoggantoonni komishinii too’anaa fi inispeekshinii naannoolee kan hirmaatan yoo ta’u, sochiileen hanga ammaa ni gamaaggamamu akkasumaas muuxannoo gariin naannolee jiran irratti ni mari’atama.

 

Komishinarri Komishinii Too’annoo obbo Awwaqaa Hayilamaariyaam baniinsa waltajjicharratti argamuun akka ibsanitti kanaan dura dadhabbina paartii keessatti mudatee eeruun amman kana garuu akka kanaan duraa uumamuu hin qabu jedhan.

 

Paartiichi ofiin of sirreessaa akka adeemu kan dandeessisu qindoomina akka ta’u ni hojjeta jedhaniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.