Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Turizimii Oromiyaa waggoottan shanan dhufan namoota kuma dhibba 5’f carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Komishiniin Turiizimii Oromiyaa waggoottan Shanan dhufan iddoowwan hawwata Turiistii naannichaa keessa jiran misoomsuun namoota kuma dhibba 5 oliif carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Komishinichi dargaggoota kuma 3’f carraa hojii uumuuf kan dandeessiisu dhaabbata ‘Firist Consult’ jedhamu waliin waliigaltee mallatteessuu ibsameera.
Dhaabbaticha waliin iddoolee hawwata Turizimii 8 misoomsuuf waliigalaniiru jedhame.
Itti aanaan Komishinaraa komishinii Turiizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo Komishinichi waggoottan shanan dhufanitti iddoowwan Hawwata Turiistii naannichaa misoomsuun lammiilee kuma dhibba 5 oliif carraa hojii uumuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru himaniiru.
Komishinin Turizimii Oromiyaa erga hunda’e waggaa 1 fi baatii 2 keessatti hojii Turizimii Oromiyaa babal’isuu hedduu hojjechuu ibsaniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.