Fana: At a Speed of Life!

Konfaransiin idil addunyaa Iityoo-Hoortiikaalchar jalqabaa gaggeeffamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Konfaransiin idil addunyaa Iityoo-Hoortiikaalchar jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamuufi.

Konfaransiin kun Gurraandhala 20-21/2012 Finfinnee Hooteela Iskaay Laayititti kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Qonnaa FDRI ibsa laaten beeksiseera.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanoon, keessummoonni biyyoota garaagaraarra dhufan, oomishtoonni damichaa fi ergitoonni, dhaabbileen Faayinaasii, Invastaroonni fi qorattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo kan hirmaatan ta’uu ministir deettaan Ministeera Qonaa FDRI aadde Ayinaaleem Nigusee ibsaniiru.

Konfaransicha Ministeerri Qonaa FDRI fi waldaan ergitootaa fi oomishtootaa waliin ta’uu kan qopheessan ta’uu ibsaniiru.

Bu’aalee fi hudhaalee qaamoolee damicha irratti hirmaachaa jiran qunnamaa jiru ilaalchisee mariin kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Dhimmoota marii kanaan adda ba’an irratti hundaa’uun kallattii furmaataa laachuuf kan hojjetamu akka ta’e ibsa isaaniin eeraniiru.

Misoomni Hortiikaalcheerii carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuurratti shoora olaanaa ba’aa akka jiru aadde Ayinaaleem ibsaniiru.

Ministeerri qonnaa damichaan hojii hojjetu keessaa oomishaa fi oomishtumaa dabaluuf galteewwan barbaachisan dhiyeessuu akka ta’e ibsaniiru.

Kana keessa xaa’oo dhiyeessuu isa duraati jedhan.

Bara oomishaa 2012/13tti naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa fi Beeniishaanguul Guumz, akkasumasa qonnaa daldalaa fi tajaajila dhuunfaaf xaa’oo biyyoo kuntaalli miiliyoonni 14.5 kan barbaachisu ta’uu ragaan Ministeera Qonnaa FDRI irraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.