Fana: At a Speed of Life!

Koonfiransii Qo’annoo fi Qorannoo Biyyoolessaa Yuunivarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaatiin Qophaa’ee

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Koonfiransii Qo’annoo fi Qorannoo Biyyoolessaa Yuunivarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaatiin Qophaa’ee.

Koonfiransii Qo’annoo fi Qorannoo Biyyoolessaa Bakka Ministeerri Ittisa Biyyaa Dooktar  Qana’aa Yaadataa fi Daayreektarri Ol’aanaa Yuunivarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaa Jenaraal Komishinar Kaadhimamaa Dooktar  Geetaachoo Ittaanaa akkasumas keessummoon adda addaa argamanitti guyyaa har’aa Magaalaa Sabbataatti eegalamee jira.

Dooktar  Geetaachoo Ittaanaa kaayyoo fi adeemsa sagantaa kanaa wayita ibsaniniiru.

Yuunivarsiitiin Koolleejii Poolisii Oromiyaa Barumsa saayinsii Poolisii sagantaa Sartifikeetii ol’aanaa, Dippiloomaa, Digirii jalqabaa fi Maastarsiitiin akkasumas Ogummaa Poolisiitiin Poolisii Naannichaa barsiisuu fi leenjisuudhaan qondaaltotaa fi miseensota Poolisii naamusaa fi gahumsa cimaa qaban horachuudhaan nageenyi naannoo keenyaa fi biyya keenyaa akka mirkanaa’uuf gahee isa irraa eegamu ciminaan bahaa jira.

Bu’uruma kanaan konfiransiin Qo’annoo fi Qorannoo Biyyooleessaa Waggaa 1ffaa mata-duree “POLICE SCINCE PEACE &SECURITY AND PEACE BUILDING” Jedhuun  gaggeeffama jira.

Sagantaa kana irratti Hayyoonni Yuunivarsitii Ol’aanoo biyyattii adda addaa, Qondaaltonni Poolisii Oromiyaa fi Hoggantoonnii fi Miseensonni Yuunivarsiitii Kolleejichaa argamanii jiru.

Gammachuu beekumaatu gaabase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.