Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaatti damee daldalaa alaarra karoorri % 95 milka’eera

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Bara baajatichaatti kurmaana jalqabaatin daldala alarraa karoorri % 95 galmaa ga’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Manisteerichi boqonnaa qophii karoora misooma waggaa 10 fi raawwii karoora bara 2013 irrratti qamoolee waajjira daldaalaa fi indastirii magaaloota naannoolee waliin gamaggama gaggeessa jira.

Ministeerichi damee daldalaarratti foyya’insa imaammataa fi dhaabbilee rifoormiin hojimaata isaan barbaachisurratti hojii bal’adhaa hojjechuun bu’aa gariin galma’uu ibsameera.

Daldalaa alaarras kurmaana jalqabaatti %98 galmaa kan ga’amee yoo ta’u, sharafni alaa Birriin miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 39 argamu ibsameera.

Kana keessayis dameen qonnaa Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 41 ykn raawwii %73 argisisuun jalqabarra jira jedhameera.

Dameen oomishaa doolaraa miiliyoona 94 kan argamsiise yoo ta’uu, karooricha %95 milkeessun danda’ameera.

Damicharras sharafni alaa %11 argameera.

Ministeerichi damee oomishaa guddisuun hojii bal’adhaa hojjechaa jiraachuu ibseera.

Akka fakeenyaatti baatiiwwan 5 dura hanqina simintoo muul’ate ture foyyessuun danda’amuu ibsameera.

Kanafiis guyyaatti simmintoon kuntaalli kumni 102 oomishama turee deeggarsa taasifameen guyyaatti kuntaalli kumni dhibbi 3 fi kumni 10 ol oomishamuu danda’ameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal dabalatee hoggantoonni dhaabbilee itti waamamanii fi qamooleen dhimmi ilaallatuu argamaniiru.

Fireywoot Saffiitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.