Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Booleetti manneen jireenyaa 21 tola ooltummaan ijaarraman jiraattootaaf laataman

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Kutaa magaalaa Boolee aanaa 13tti manneen jireenyaa 21 dhaabbata “Ovid Group” jedhamuun ijaarraman jiraattootaaf laamaniiru.
 
Manneen kunneenis lammiilee misoomaaf kaafaman fi galii gadi aanaa qaban abbootii warraa 21 maatii hedduu of jalaa qabaniif kennamaniiru jedhame.
 
Tola ooltoota garaagaraa hirmaachisuun hojiin manneen jireenyaa harka qalleeyyii haroomsuu fi haaraa ijaaruu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa kaantibaatti hojii gaggeessaan tajaajila manneenii mana qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyana dubbataniiru.
Ganna kana manneen kuma 2 haroomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti manneen kumni 1 fi 365 xumuramuu ibsaniiru.
Dhaabbanni “Ovid Group’’ itti gaafatamummaa hawaasaa isaa ba’achuuf yeroo gabaabaa keessatti manneen jireenyaa kanneen ijaaree xumuruun jiraattoottaaf dabarse kennuu isaatiin galateeffataniiru.
Abbootiin qabeenyaa kaanis hojii tajaajila lammummaarratti hojjechaa jiran cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Kutaa magalaa Booleetti hojii tola ooltummaatiin manneen harka qalleeyyii 190 haroomfamuuf karoorfame manneen 162 ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, manneen 92 ammoo xumuramuun harka qalleeyyiif laatamuu ibsameera.
 
Manneen daldalaa seeran ala qabamanii turan qaamolee argachuu qabaniif kennamuu hojii raawwachiisaa olaanaan kutaa magaalaa Boolee obbo Makoonniin Ambaayee dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Kutaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.
 
FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.