Fana: At a Speed of Life!

Labsii dhiifamaa mootummaa Kuweetin lammiileen kumni 2 fi 63 gara Ityoophiyaatti deebi’an

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) –Labsii dhiifamaa mootummaa Kuweetin lammiileen kumni 2 fi 63 gara Ityoophiyaatti deebi’uu himame.
 
Lammiileen Ityoophiyaa seera eeyyama jireenyaa biyya Kuweet cabsaniiru jechuun waajjira Poolisii biyyaatti fi iddoo tursisaa garaagaraa turan kumni 2 fi 63 gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Labsii dhiifamaa mootummaan kuweet baase fayyadamuun lammiileef ragaa imalaa baarbachisaa ta’e qopheessuun gara biyya isaanitti deebi’uun himameera.
 
Dabalataanis lammiileen yakka garaagaraan himatamuun mana hidhaa Kuweet turan 12 galmeen isaanii abuukaattoonni akka hordofamu taasisuun yeroon hidhaa isaani osoo hin xumuramiin dhiifamaan akka ba’an taasifameera.
 
Kuweetitti Imbaasiin Ityoophiyaa bara baajataa 2012tti waldalee Koomiinitii fi qaamoolee dhimmii ilaallatuu waliin nageenya lammiilee fi mirga kabaachisuu irratti hojjachaa turunis ibsameera.
 
Lammiilee dhukkubsatani Hospitaloota garaagaraa ciisaa turan 31f hordoffiin taasifamuun tajaajila yaalaa baarbachisaa ta’e akka argatan taasifameera.
 
Bara baajataa darbe kanatti Imbaasichaatti tajaajila bakka bu’insaa 274, tajaajila sanada mirkaneessuu 147, xalayaa deggarsaa bilisaa 42 raawwatameera.
 
Akkasumas haaromsi Paaspoortii lammiilee kuma 2fi 684 fi tajaajilli galmee fi ragaalee bu’uraa biroo kennamuu Kuweetiitti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Maddi:- TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.