Fana: At a Speed of Life!

Labsii haaraa Soorama hojjettoota mootummaa fi dhuunfaa tibbana ragga’e

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) –Ji’aan mindaa hojjetootarraa Birriin walitti qabamu dabalaa dhufuun yeroo ammaa Birrii biiliyoona 4.7 ga’uu ibsameera.

Namoota miiliyoona 1 ta’aniif Sooramni kan kaffalamu yoo ta’uu, Birrii biiliyoonni 1 ol baatii baatiin kan kaffalamu ta’uu eerameera.

Ejansiin Wabii Hawaasummaa Hojjettoota mootummaa baatii baatiin garaagarummaa Birrii biiliyoona 2 olii walitti qaba jedhame.

Yaa ta’uutii hanqina hojmaataan maallaqichi Invastimantii fooyya’aarraa oolchuun hin dandeenye jedhame.

Sababa kanaan ejansichi qabeenya walitti qabus Sooramtootaaf kaffaltii quubsaa kaffaluu hin dandeenye.

Labsiin haaraan kun aangoo fi gochaa ejansichaa eegurra darbee qabeenyi walitti qabame gara Invastimantiitti akka jijjiirramu kan eeyyamu ta’uu ibsameera.

Labsicha hordofee Ejansichi walakkaan dhaabbata Faayinaansii akka ta’uu fi gara hojiitti galchuuf filannoowwan Invastimantii jiraachuu Daayreektarri olaanaan Ejansii Wabii Hawaasummaa Hojjettoota mootummaa obbo Dhaabaa Ooriiyaa dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatiiin Ejansiin Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Dhaabbilee dhuunfaa namoota kuma 30 oliif soorama kaffalee maallaqni hedduun kan irraa hafu ta’uu eerameera.

Bara darbe qofa maaqni biiliyoonni 8.5 garaagarummaan walitti kan qabame yoo ta’u, bara kana Birrii biiliyoona 12 ol waliitti qabaan eeggama jedhame.

Sababa hanqina hojmaataan maallaqni sanada qofarra ture, labsii haaraan kun maallaqicha Invastimantii amansiisarra oolchuuf dandeessisa jedhameera.

Hojmaanni Prooviidant Fandii labsichaan akka hafu ta’eera.

Kana jechuun hojjettoonni dhaabbilee dhuunfaa kamiiyyuu soorama keessa akka galan dirqama ta’a jechuudha.

Yaa ta’uutii hojjettoonni Prooviidant Fandii fayyadamaa turan maallaqni isaanii akkam akka ta’u qajeelfama raawwii yeroo itti aanu ba’uun kan murtaa’u ta’uu Daayreektarru olaanaan Ejansii Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Dhaabbilee dhuunfaa obbo Gammachuu Wayyumaan hubachiisaniiru.

Ejansiiwwan kunneen mirga kana fayyadamuun qabeenya jiru dandeettii hojiirra oolchuu ni qabaatu, bu’aa qabeessas ni ta’u jedhame.

Ejansiin lamaan labsicha hordofee qajeelfamaa fi dambii mataa isaanii baasuuf hojjechaa jiraachuu himameera.

Seeroonni kunneen ragga’uun gara hojiitti erga galanii booda hojiileen Invastimantii bu’aa qabeessummaan isaanii qorannoon mirkanaa’e ifatti ni eegalu jedhameera.

Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.