Fana: At a Speed of Life!

Labsiin Zoonii Diinagdee Addaa ragga’e

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Invastimanti alaa hawwachuuf, damee maanufaakchariingii jajjabeessuu fi dandeettii daldala alaa guddisuuf kan gargaaru Labsiin Zooonii Diinagdee Addaa ragga’e.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 21ffaa gaggeesseen yaada murtee Koreen Dhaabbii Dhimmoota Indaastirii fi Albuudaa, akksumaas, Koreen Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa fi Tuuriizimii dhiyeessan qorachuuun labsicha raggaasiseera.

Labsichi seektarri dhuunfaa indaastirii maanufaakchariingii, qonnaa, daldalaa, tajaajilaa fi invastimantii irratti akka hirmaatu jajjabeessuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Akkasumas walitti hidhamiinsa fuuncaa daldalaa idil addunyaa bal’isuu fi guddina warraa galmeessuuf kan tumsuudha jedhameera.

Sagantaa Zooniin Dinagdee Addaa saffisaa fi invastimantii fi daldalaaf naannawaa mijataa uumuuf labsichi qophaa’uun ibsameera.

Labsichi hanga ammaatti kan hojiirra oolaa ture dizaayinii fi hojiirra oolmaa sirna Paarkiiwwan Indaastirii gara Zoonii Diingdee Addaatti guddisuun bu’uuraa diinagdee guddisuuf akkasumas dorgomtummaa sadarkaa idil addunyaa dagaagsuuf barbaachisaa ta’uun eerameera.

Labsichis labsii zoonii diinagdee addaa lakkoofsa 1322/2016 ta’ee sagalee guutuun raggaasifameera.

Yeshaambal Mihiratitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.