Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 80 mana amala sirreessaa Taanzaaniyaa turan gara biyya isaaniitti deebi’uufi

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC ) – Lammiileen Ityoophiyaa 80 mana amala sirreessaa Taanzaaniyaa turan gara biyya isaaniitti deebi’uufi.
Lammiileen Ityoophiyaa 80 mana amala sirreessaa Taanzaaniyaa turan gara biyya isaaniitti deebi’uufi akka jiran Taanzaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yoonaas Yooseef ibsaniiru.
Bara Faranjootaa 2021tti lammiilee Ityoophiyaa kuma 1 fi 800 manneen amala sirreessaa keessatti argaman deebisuuf yaadamuu ibsaniiru.
Taanzaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yoonaas Yooseef Imbaasiin Ityoophiyaa Daaresalaamitti argamu baatii sadaasaa, 2013 daawwannaa bulchiinsa Mooroogooroo, Taangaa, Piwaaniinaa fi Baagaamooyootti taasiseen lammiileen Ityoophiyaa kuma 1 ol manneen amala sirreessaa keessa akka jiraan ibseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.