Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Keeniyaa Pireezidaantii biyyattii kan ta’u filachaa jiru

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Keeniyaatti filannoon pireezidaantummaa guyyaa har’aa gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantii biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa kan bakka bu’an kaadhimamtoonni afur filannicharratti dorgomaa kan jiraniidha.

Itti Aanaa Pireezidaantii biyyattii ammaa Wiiliyaam Ruuttoo fi Muummee Ministiraa Duraanii Biyyattii Raayilaa Odiingaan morkattootaa filannichaa tilmaamni olaanaan kennameefidha.

Filannichaaf lammiileen Keeniyaa miiliyoonni 22 kan galmaa’aan yoo ta’u, buufataaleen filannoo kumni 40 hundaa’aniiru.

Keeniyaanonni filannoo kanaan pireezidaantii biyyattiitti dabalataan miseensota paarlaamaa fi seenaataroota filachuurratti kan argaman ta’uu BBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.