Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 ol Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 85 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Lammiilee guyyaa har’aa gara biyyaatti deebi’an keessaa 666 dhiirota, 303 dubartootaafi 116 daa’imman ta’uu eerameera.

Lammiilee kanneeniif kunuunsiifi deeggarsi barbaachisaan erga taasifameefiin booda gara giddugala tursiisaa qophaa’eefitti geeffamuu ragaan Ministeera Dhiima Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen lammiileen kumni 5 fi 667 gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.