Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Ityoophiyaa kamiyyuu ulaagaa barbaachisu yoo guute filachuu danda’a

Finfinnee, Eebla 8, 2013 (FBC)- Lammiin Ityoophiyaa kamiyyuu ulaagaa barbaachisu yoo guute filachuu akka danda’u Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Lammiin Ityoophiyaa kamiyyuu ulaagaale armaan gadii yoo guutee filachuu ni danda’a:
Umuriin isa/ishee waggaa 18 ol ta’u qaba.
Naannoo buufata filannoo sanaa yoo xiqqaatee baatii ja’aaf (6) kan jiraate/jiraatte.
Mana murtii kamiinuu mirgi filachuu isaa/ishee kan hin daangeffamne/ hin mulqamne
Lammiin tokkon filataa ta’ee galmaa’uudhaaf:
Waraqaa eenyumma gandaa
Paaspoortii
Eyyama konkolaachisumaa
Waraqaa raga jiraataa ta’uu isaa/ishee agarsiisu
Waraqaa geggeessituu loltummaa
Waraqaa eenyummaa mana barnootaa yookaan
Waraqaa enyummaa hojjataa
Kanneen armaan olitti tarreeffaman keessaa tokko fayyadamuun galmaa’uu kan danda’u/dandeessu yommuu ta’u, namni waraqaa enyumma hin_qabne raga namoota sadii jiraataa ta’uu isaa mirkaneessan qabatee deemuudhan galmaa’uu ni danda’a.
Dabalataan waraqaa eenyummaa fi paaspoortii hin_haarofneenis galmaa’uun ni danda’ama.
Galmeen filattootaa kan geggeeffamu Bitootessa 16 hanga Eebila 15, 2013 sa’aatii 2:30 – 11:30 Sanbataa fi Dilbataa dabalatee yommuu ta’u guyyoota ayyaana-waggaa hin dabalatu.
Filattoonni buufata dhiyoo naannoo isaanitti argamu deemuudhaan galmaa’uu ni danda’u.
Namni waraqaan filannoo jalaa bade yookin jalaa manca’e adeemsa seera qabeessa barbaachisaa ta’e hordofuudhaan bakka buufachu ni danda’a.
Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.