Fana: At a Speed of Life!

Leemmanitti namoonni tiraanisfoormarii hatan to’annoo jala olaan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Godinaa Shawaa Kibbaa Lixaa Aanaa Qarsaa Maallimaa Magaalaa Leemmaanitti tiraanisfoormarii naannawa Awaash Abbuu Guutuu fi Aanaa Sabbataa Awaas Magaalaa Alamganaa utuu hatanii kan argaman namoonni sadii harkaa fi harkatti to’atamuun ibsame.

Tiraanisfoormaroonni hataman kunneen tajaajila bishaan dhugaatii kennuuf kan oolu abbaa KVA 50 fi abbaa KVA 100 ta’uu Tajaajilli Elektirikii Oromiyaa beeksiseera.

Haaluma walfakkaatuun Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuutti tajaajila Ityoo-Telekoomiif kan oolu Tiraanisfoormaroota abbaa KVA 50 sadiirratti yaalii hannaa wayita raawwatamu eeruu hawaasarraa qaqqabeen qabeenyichaa oolchuun akka danda’ame ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Walakkeessa bara 2014 irraa eegalee Magaalota Sabbataa, Alamganaa, Bishooftuu, Leemman, Galaan fi Burraayyuutti yakki hannaa tiraanisfoormaroota 18 fi shiboo elektirikii meetira kuma 400 olii raawwatamuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.