Fana: At a Speed of Life!

Liigiin dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Finfinnee biqiltuu dhaabe

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Miseensonni liigii dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Finfinnee biqiltuu dhaaban.
 
Dhaabbiin biqiltuu kunis kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftootti raawwatameera.
 
Dargaggoonni kanneen akkaataa waamicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin, Ganna baranaa baatii lamatti biqiltuu miiliyoona dhaabuuf karoora qabataniin har’a 500 dhaabaniiru.
 
Preezdaantiin liigichaa dargaggoo Aa’imiroo Addunyaan Ganna baranaa bulchiinsi magaalichaa biqiltuu miiliyoona 7.2 akka dhaabu himeera.
 
Kana keessaa miiliyoonni 2 liigii dargaggootatiin kan dhaabamudha jedhe.
 
Itti gaafatamaan waajjira liigichaa dargaggoo Baqqalaa Taajjabaan ammoo dargaggoonni waamicha misooma magariisaaf jabaachuu qabu jedheera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.