Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni qusannaa dhaabbilee faayinaansii Birrii tiriiliyoona 2 ol qaqqabe

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)- Maallaqni Qusannaa Dhaabbilee Faayinaansii Itiyoophiyaa Birrii tiriiliyoona 2 ol qaqqabuu Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Bulchaan Ittaanaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Solomoon Dastaan, aadaan qusannaa hawaasaa fooyya’aa fi jijjiirama argisiisa jiraachuu dubbatan.

Haaluma kanaan kuufamni maallaqaa qusannaa Baankota dabalatee dhaabbilee faayinaansii Birrii tiriiliyoona 2.19 qaqqabuun ibsaniiru.

Hammi qusannaa waggaa tokko keessatti guddina %25 argisiisuus himaniiru.

Sirna qusannaa hundagaleessaa uumuuf tattaaffii taasifameen waldaalee hojii gamtaa giddugaleessaa fi xixiqaa dabaltee kanneen biroonis aadaa qusannaa akka gabbifatan taasifamuu ibsaniiru.

Sirna faayinaansii dijitaalawaa filmaatawwan garaagaraan hawaasaaf dhiyeessuun sochiin faayinaansii fi qusannaa akka saffisu taasifamuu himaniiru.

Sirna dijitaalawaa babal’isuu, baankonni haarawaan gara hojiitti akka seenana taasisuu, gabaa kaappitaalaa fi baankonni alaa damee faayinaansii Itiyoophiyaa keessa akka seenan carraan uumame walitti ida’amuun qusannaan akka dabaluuf tumsuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Damee faayinaansii dabalatee dameewwan hundaatti teeknooloojii dijitaalawaa hojiirra oolchuun bara 2025’tti dijital Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuun ni beekama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.