Fana: At a Speed of Life!

Maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti banatanii fi naannichaa ala jiraan bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti  argamanitti banatanii fi naannichaa ala jiraan bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamamuu Baankiin Biyyaalessaa beeksiise.

Qaamolee  yakkaan shakkamuun Abbaa Alangaa Waliigalan  lakkoofsi herreega baankii isaanii akka hin sochoone ittifamaniin ala maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti banatanii fi naannichaa ala jiraan Sadaasa 23, 2013 irraa eegalee bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamamuu Baankiin Biyyaalessaa ibsa baaseen beeksiiseera.

Naannichaatti iddoolee haalli nageenyaa amansiisaa ta’etti Baankoonni hojii akka eegalan hojjechaa jiraachuu Baankiin Biyyaaleessa Ityoophiyaa beeksiseera.

Naannolee haalli nageenyaa amansiisaa hin taanetti ammoo Baankonni cufaman kan turan ta’uu ibseera.

Sababa duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tureen hanga haalli nageenyaa fi Neetwarkii fooyya’utti Baankoonni cufamanii akka turan murtaa’uun isaa kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.