Fana: At a Speed of Life!

Maashiniin saamuda qorannoof biyyaa alaatti ergamu ni hambisaan abdatame Yuunvarsiitii Jimmaatti dhaabbate

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Saamuda qorannoof gara biyyaa alaatti ergaman kan hambisu maashiniin laaboraatoorii Wiirtuu Fayyaa Yuunivarsitii Jimmaatti dhaabame.

Faarmaasiyuutikaalii Ratiinaatiin kan dhaabamee maashiniin Koobaas 6800 sa’aatii tokkotti saamuda 834 kan simatu yoo ta’u, qorannoowwan gara biyya alaatti ergaman hambisuudhaan hawaasa baasii hinmallerraa kan baraaru ta’uu himameera.

Maashiniin kun vaayirasii HIV, vaayirasii tiruu addaa baasuuf kan gargaru yoo ta’u dabalataan qorannoo kaansarii gadameessaaf ni oola jedhameera.

Bakka Bu’aan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Obbo Fayyisaa Caalaa, maashinichi hospitaalichaaf tolaan kan arjoomame yoo ta’u, Ityoophiyaatti wiirtuu sadaffaa ta’uu eeraniiru.

Bakka Bu’aan Faarmaasiyuutikaalii Ratiinaa Obbo Ashabbir Gurmeessaa gama isaaniitiin, ogeeyyii leenjisuudhaan tajaajila saffisaafi qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabsiisuuf kubbaaniyyichi ni hojjeta jedhan.

Abeeneezer Taayyeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.