Fana: At a Speed of Life!

Maayikil Joordaan dhiittaa sanyummaa ittisuuf Doolaara miliyoona 100 arjoome

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – Maayikil Joordaan dhiittaa sanyummaa ittisuuf Doolaara miliyoona 100 arjoome

Taphataan Kubbaa Kaachoo Ameerikaa Maayikil Joordaan gareelee dhiittaa sanyummaa maqsuun walqixxummaarratti hojjetaniif Doolaara miiliyoona 100 akka arjoomi beeksise.

 

Taphataan garee NBA duraanii kun maqaa isaafii kan braandii Jordaaniin maallaqa kan waggoota 10 keessatti akka gadhiisu beeksiseera.

 

Maallaqni kun dhaabbilee garaagaraaf akka qoodamus beekameera.

 

”Hawaasa Gurraacha keessatti jijjiirama ija qabu buusuuf hojii baayyeetu ni eeggata. Gaafatama qabnaas” jedheera

 

Ajjeechaa Joorji Filooyid torbee darbeen duuba ibsa kan kenne Joordaan hedduu gadduu fi aaruu ibseera.

 

Dhiittaan sanyummaa gurraacharra gahuu ”ni gahas” jedheera.

 

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.