Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti piroojektii ‘Ismaart Siitii’ dhugoomsuuf waliigalteen taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Magaalaa Adaamaatti piroojektii ‘Ismaart Siitii’ dhugoomsuuf waliigalteen taasifame

Waaliigalticha kan taasisan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Ityoo-Telekoomiifi Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaati.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jalduun, kaayyoon keenya magaalaa Adaamaa Afrikaa Bahaatti dorgomaa taasisuudha jedhan.

Kana milkeessuuf Ityoo-Telekoom, Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaa, Hoteelotaafi Indaastiriiwwan waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin hojjetamu bulchiinsa cimaa ijaaruu, sirna eegumsa fayyaa cimaa fi sirna geejjiba ammayyaa diriirsuu, akkasumas jijjiirama to’annoo kan fidu ta’uu eeraniiru.

Bara kana waajjiraalee bulchiinsa magaalichaa 80% guutumaan guutuutti gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Magaalichatti ganda ammayyaa lafa heektaara 175 irratti ijaaruuf qophiin taasifamuu ifoomsaniiru.

Karoorawwan kanneen dhugoomsuuf muuxannoowwan jiran ilaaluun, qaamolee dhimmamtoota waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaan, piroojektoota kanneen dhugoomsuufi magaalattii fakkeenya taasisuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo-Telekoom Fireehiywat Taammiruu gamasaaniin, bu’uuraalee misoomaa diriirsuurra darbee magaalota miidhagoo ta’an ijaaruutti ceeneerra jedhan.

Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaatti Tajaajila Kaardii Tokkoo eegalchiisuu eeruun, tajaajilichi piroojektii Ismaart Siitii magaalichatti ijaaramuuf barbaachisaa waan ta’eef Ityoo-Telekoom tajaajilicha dhiyeessuun magaalicha waliin ni hojjeta jedhan.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.