Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Baahirdaaritti Doolaarri sobaa kumni 20 ol to’atamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Magaalaa Baahirdaaritti Doolaarri sobaa kara seeraan alaa sharafamuuf ture  kumni 20fi 600 ol shakkamtoota waliin to’atamuu poolisiin beeksise.

Shakkamtoonni kuunneen Daseerraa ka’anii wayita magaalaa Baahirdaar galan hordoffii poolisii naannichaan taasifameen to’atamuu ibsameera.

Deeggartoota shakkamtoota kanneenii to’achuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu hogganaan qorannoo yakkaa buufata poolisii 5ffaa magaalichaa Ittaanaan Inispeektaraa Abazzuu Tikuyyeen dubbataniiru.

Maallaqichi maallaqa sobaa ta’uusaa ogeeyyii baankiin mirkaneeffatamuu ibsuu isaanii ragaan Poolisii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.