Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti wixinee Plaanii waggaa 10nirratti mar’atamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Wixinee Plaanii waggaa 10nirratti marii gaggeessaa jiru.
 
Karoorri waggaa 10 kun Imaammataa, tarsiimoo, raawwii hojii baroota darbanii, haala naannoo fi idila addunyaa, akkasumas galmootarratti hundaa’uun kan qophaa’e ta’uu himameera.
 
Karoorichi safartuu misooma namoomaa, jireenyaa jiraattootaa fi sadarkaa guddinaa tilmaamuuf agarsiiftuu ta’uu maricharrtti ka’eera.
 
Galmoota idil addunyaa fi ajandaa Afrikaa bara 2063 yaada keessa kan galche ta’uus eerrameera.
 
Karoorichi diinagdee damee dhuunfaa dabalatee kallatti ijoo 6 qabaachuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalicharraa argame ni muul’isa.
 
Waggaan akka biyyaatti guddina diinagdee waliigalaa 10.2 galmeessuuf dameewwaan qonnaa, indaastirii oomishaa, albuuda, Tuuriiziimii, misoomaa magaalaa, Innooveeshinii fi teeknooloojirratti xiyyeeffatameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.