Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Goondaritti sagalee lakkaa’uun eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti naannoo filannoo 2 buufata filannoo ogummaaf teeknikaa 01 ganda Shiroo Meedaatti filannoon marsaa 6ffaan biyyaaleessaa gaggeeffamaa ture xummuramuun sagalee lakkaa’uun eegalameera.
Buufta filannoo kanatti namoonni filannoof galmaa’an kuma 1 fi 243 keessaa namoonni 779 sagalee kennaniru.
Yeroo ammaa kanas sagaleen lakkaawwamuu jalqabeera.
Giddu galeessa Goondaritti naannoo filannoo 9 fi buufataalee filannoo 766 keessatti filannoon gaggeeffamaa ture hanqiinaalee xixiqqaatiin alatti haala nagaatiin xummuramuun lakkaawwiin sagalee jalqabuusaa Qindeessaan Boordii Filannoo giddu galeessa Goondar Dooktar Bisraategabr’eel Tasfaayeen himaniiru.
Taajjabdoonni garaagaraa yaada kennaniin boordiin filannoo biyyaaleessaa sa’aatiin filannoon itti kennamu sa’aatii 3’tti dheerafamuusaa dursee ibsuu dhisuusaa akka hanqiinaatti kaasaniru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.