Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Guddattuu Dheeraatti meeshaaleen Kontiroobaandii too’atame

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Magaalaa Guddattuu Dheeraatti meeshaaleen Kontiroobaandii birrii miiliyoona 1.6 olitti tilmaamamu too’atamuu ibsameera.
Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Guddattuu Dheeraatti meeshaaleen meeshaaleen Kontiroobaandii gosti adda addaa eeruu fi sakata’iinsa Poolisiin taasiiseen too’atamueera.
Uffanni boondaan 57,uffata dubartotaa boondaan 3, Shittoowwan garagaraa kaartooniin 38 fi kophee dubartotaa kaartoonii 20,kophee shabaxii dhiira kaartooniin 2 walumaagala meeshaaleen qarshii miiliyoona1 fi kuma dhibba 6 fi kuma 81 olitti tilmaamamu qamadii kuntaala 107’n haguuggamuun wayita darbuuf jedhu eeruu ummataan too’atamuu Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Magaalaa Dheeraa beeksiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.