Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti sakattoo mana nama dhuunfaa tokko keessatti taasiifameen Shugguxiiwwan 27 fi Rasaasni to’atame

Finfinnee, Amajjii 14, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sakattoo mana nama dhuunfaa tokko keessatti taasiifameen Shugguxiiwwan 27 fi Rasaasni 300 ol shakkamtoota 2 waliin to’atamuu Poolisiin magaalichaa beeksise.

Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 11 iddoo Haannaa Maariyaam jedhamutti meeshaaleen kunneen mana nama dhuunfaa keessaa argamuu ibseera.

Nageenya magaalichaa mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisu cimsee akka itti fufu waamichi dhiyaachuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.