Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bulchinsaa magalaa Maayaa hundaa’e

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) –Manni Maree Magaalaa Maayaa Miseensoota 62 qabu hundaa’eera.

Manni marichaa muudama Miseensoota Kaabinee Magaalaa Maayaa fi koree dhaabbii mirkaneesseera.

Obbo Mahaammad Saanii Bakaar Af Yaa’ii Mana Marichaa fi Aadde Shittoo Ahimad itti Aantuu Af Yaa’ii ta’uun muudamaniiru.

Akkasumas Manni Maree Magaalaa Maayaa, Dooktar Ifraah Waziir Kantiibaa Magaalaa Maayaa,Obbo Alamaayyoo Taaddasaa bakka bu’aa Mootummaa fi Obbo Diinoo Amiin Kantiibaa Itti Aanaa gochuun muudeera.

Kantibaan Magaalaa Maayaa ta’uun kan muudaman Dooktar Ifraah Waaziir gamaa isaanin kaayyoon hundeeffamaa magalaa Maayaa diinaagdee hawaasa Harargee utubuu ta’uu ibsniiru.

Abbootiin qabeenyaa, jiraattoonni magaalaa fi hogaansii sadarkaan jiru kaayyoo hundeeffamaa magaalaa Maayaa milkeessuu keessatti qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Yaasiin Shamsuddintu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.