Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Carraa Hojii Uumuu Finfinnee raawwii bara 2012 fi kallattii bara 2013 irratti mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Manni Maree Carraa Hojii Uumuu Finfinnee raawwii bara 2012 fi kallattii bara 2013 irratti mari’ate.
 
Waltajjicharratti itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi qooda fudhattoonni biroon hirmaataniiru.
 
Raawwii bara darbee, raawwii baatii 3 bara 2013 irratti mari’atameera.
 
Bara 2012tti carraa hojii kuma dhibba 2 fi kuma 50 uumuuf karoorfamee, karooraa ol raawwatamuun eerameera.
 
Bara 2013 carraa hoji kuma dhibba 2 fi kuma 80 uumuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
 
Ji’oottan sadan bara baajataa 2013 darbanitti carraa hojii kuma 42 uumuuf karoorfamee, kumni 43 fi 311 milkaa’era.
 
Aadde Adaanach marii kanaan bu’aan kurmaana tokkoffaa kaaroora waliinii gaarii ta’uu eeran.
 
Yaata’uutii garaagarummaa raawwii kutaalee magaalaarratti muul’atu sirreessudhaan, rakkoo hoji dhabummaatiif xiyyeeffannoo ol’aanaan ni kennama jedhan.
 
Haaluma kanaan bara baajataa 2013 hojii hojjatamuun bu’aa qabatamaa ni galmeessisna jedhaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.