Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeeshinii haala kabaja guyyaa sabaa fi sablammootaa marsaa 15ffaa irratti mari’ata jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Manni Maree Federeeshinii haala kabaja guyyaa sabaa fi sablammootaa marsaa 15ffaa irratti mari’ata jira.

Manni marichaa qamoolee dhimmi ilaallatuu waliin magaalaa Adaamaatti kan mari’acha jiru.

Manni marichaa torbee darbee sirna kabaja guyyaa sabaa fi sablammoota bara kanaa sababa weerara vaayrasii koroonaatin haala baramerraa akka jijjiirramee beeksisuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan Sadaasa 15 naannoo Tigraay, 16 naannoo Kibbaa, 17 naannoo Sumaalee, 18 naannoo Beenishaanguul Guumz, 19 naannoo Amaaraa, 20 magaalaa Finfinnee, 21 naannoo Hararii, 22 naannoo Gaambeellaa, 23 naannoo Afaar, 24 naannoo Oromiyaa, 25 naannoo Sidaamaatti kan kabajamu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.