Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idileessaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 2ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 1ffaa  magaalaa Baahir Daaritti gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u dhimmoota naannichaa garaagaraarratti mari’achuun murtoo ni dabarsaan eegama.

Yaa’icharratti Afyaa’ii Mana Marichaa aadde Faantuu Tasfaayee dabalatee prezdaantii naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa fi miseensonni mana marichaa argamaniiru.

Miseensi mana marichaa tokko duula birmadummaan wareegamuu fi miseensi tokko ammoo dhibee tasaan boqochuu hordofee jalqabbii yaa’ichaan kadhannaan sammuu taasifameera.

Afyaa’iin mana marichaa aadde Faantuu Tasfaayee haasaa baniinsaa taasisaniin waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiilee hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Naannichatti hanga tokko nageenyi mirkanaa’uun gara misoomaatti galamuu dubbataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT bu’uuraalee misoomaa barbadeessus deeggarsa uummataan hojiin debisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Lakkoofsi lammiilee buqqa’anii dabaluun, daballiin gatii, rakkoon seera kabachiisuu, hanqinni dandeettii raawwachiisummaa fi miirri tajaajiltummaa hir’achuun qormaata naannicha mudate  ta’uu eeraniiru.

Qaamolee dhaabbilee barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deggarsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Leeykuun Alamtu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.