Fana: At a Speed of Life!

Manni maree Naannoo kibbaa abbooti murtii 150f muudama laate

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Kibbaa yaa’ii ilidilee 11ffaa bara hojii 5ffaa marsaa 5ffaa gaggeessa tureen abbooti murtii 150f muudama laateera.

Mannii marichaa yaa’icha guyyoota 3F magaalaa Hawaasaatti gaggeessa ture xumureera.

Muudama lateen alattis labsiiwwan lama qorachuun raggasiseera.

Preezdaantin mana murtii waliigala naannichaa obbo Mulgeeta Agoo, abbootiin murtii muudamaaf dhiyaatan umri isaanii 25 ol kan ta’e, qophii barnoota fooyya’aa kan qabanii fi naamusa isaanii hawaasni raga bahuufi ibsaniiru.

Miseensonni mana marichaas hanqina abbootii murtii muul’ataan akka furamaniif hirmaannaan dubartoota akka cimuu dubbataniiru.

Mudamtoonnis sirna kakuu raawwachuu ragaan Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootumma naannicharra arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.