Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Kibbaa yaa’ii idileesaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Kibbaa yaa’ii ildilee 11ffaa bara hojii 5ffaa marsaa 5ffaa magaalaa Hawaasaatti gaggeessuu eegale.
 
Guutinsi bishaanii marsaa jalqabaa Hidha Haaromsa Guddichaa milkiin xumuramuu isaaf baga gammaddan jedhan Af yaa’iin Mana Maree naannichaa aadde Heelan Dabbabaa wayita yaa’icha eegalchiisan.
 
Yaa’iichi turtii guyyoota sadiif gaggeeffamuun ajandaalee garaagaraa irratti mari’achuun kallattii gara fuulduraa ni kaa’a jedhameera.
 
Akka Biiroon dhimmoota koominiikeeshinii mootummaa naannichaa beeksiseetti,yaa’iichi baajata bara 2013 fi muudamoota adda addaas ni raggaasise jedhamee eeggama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.