Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Somaalee Yaa’ii idilee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adooleessa 11, 2013 (FBC) – Manni Maree naannoo Somaalee Yaa’ii Idilee 13ffaa waggaa 5ffaa magaalaa Igjigaatti gaggeessuu eegaleera.
Qaboo yaa’ii idilee 12ffaa raggaasiisuu, gabaasa raawwii hojii mana murtii waliigalaa fi gabaasa Ooditii, gabaassa raawwii hojii bara 2013 dhaggeeffachuu ni raggaasiisa jedhamee eeggama.

Dabalataan manni marichaa baajata bara 2014 fi Ajandaawwan dhiyaatanirratti mari’achuun kan raggaasiisu ta’uu ibsameera.

Wixinee labsii garaagaraa dhiyaatanirrattis mari’achuun ni raggaasiisaan kan eeggamu ta’uu ragaan Miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.