Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa obbo Lidatuun himata 2ffaa himataniin beellama jijjiirraa laate

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Manni Murtii waliigalaa Shawaa Bahaa obbo Lidatuun himata 2ffaa sanada heera mootummaa faallessu qopheessuun himatamanirratti beellama jijjiirraa laate.
 
Obbo Lidatuun yakka sanada mootummaa ce’umsaa heera mootummaa faallessu qopheessan jechuun himatamanirratti har’a abuukaatoowwan isaa 4 dhaddacha Mana Murtii Waliigalaa Shawaa Bahaarrati argamaniiru.
 
Manni murticha dhaddacha har’arratti dhimma ittiin himataman ilaalchisee himatamaaf dubbisuuf beellamus Abbaan Alangaa CD ragaaf mana Murtiif dhiyaate himatamaaf dhiyeessuu dhabuu isaan beellama jijjiirraa laatera.
 
Haaluma kanaan Abuukaatoonni obbo Lidatuu Ayyaalew ragaa CDn dhiyaate ilaallee itti qophaa’uu qabna jedhuun Mana murtichaa gaafataniiru.
 
Manni murichaas gaaffii dhiyaate fudhachuun himanni dhiyaate Onkololeessa 13, 2013 akka dubbifamu beellama jijjiirraa laatera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.