Fana: At a Speed of Life!

Maqaleetti hojjettoonni mootumaan % 84 gara hojiitti deebi’uuf gabaasa dhiyeessan

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Hojjettoota mootummaa magaalaa Maqalee kuma dhibba 2 fi kuma 26 keessaa %84 kan ta’an gara hojiitti deebi’uuf gabaasa dhiyeessuu isaanii kantiibaan bulchiinsa yeroo magaalichaa himan.

Kantiibaan bulchiinsa yeroo magaalaa Maqalee obbo Ataakiltii Haayilasillasee, haala waqtaawaa magaalaa Maqaleerrati miidiyaaleef ibsa laataniin nageenya magaalicha tasgabeessuuf raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa fi jiraattoota waliin qindoominaan hojiiwwan garagaraa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Miseensoonni poolisii idilees waamichaa tasifameeniin gara hojii isaaniitti deebi’uuf gabaasa dhiyeeffacha jiraachuu himaniiru.

Dargaggoonni namuusa gaarii fi tola oltoota nageenyaa magaalichaa tasgabeessuu irratti ga’ee isaanii akka ba’ataniif hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Magaalichatti dhaabbilee uumataaf tajaajilaa laataniifis eegumsi barbachiisaan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Kutaawwan bulchiinsa magaalaa Maqalee  7 keessaa 5f hoggantoota tajaajilaa hawaasaaf laatan ramadamuu ibsuun, kutaawwan 2 hafaan keessaattis rimiddii gaggeessuuf mariin hawaasa waliin taasifamaa jiraachu himaniiru.

Bulchiinsi yeroo magaalicha waamicha hojjettoota mootummaaf taasiseen hojjettoota kuma dhibba 2 fi kumni 26 keessaa hanga ammatti %84 gara hojiitti deebi’uuf gabaasa dhiyeessuu himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.