Fana: At a Speed of Life!

Marii biyyaalessaaf lammiilee hunda adeemsi ajandaa hubachiisu akka diriirfamu eerame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Mariin biyyaalessaaf lammiilee Ityoophiyaa hunda adeemsi ajandaa qabsiisuu akka diriirfamuu Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa beeksise.

Walitti Qabaan Koomishinichaa Profeesar Masfiin Ar’ayaa turtii FBC waliin taasisaniin, yaadonni marii sadarkaa gadiirraa hanga oliitti akka walitti qabamuu eeraniiru.

Marichaarraatti yaadni tuffatamu kan hin jirree fi ajandaarrattis koomishinichi akka gidduu hin seenne himaniiru.

Marichi beektota qofaarratti kan hundaa’u waan hintaaneef, yaadichi namoota muraasaan akka karaatti hinhafne lammiileen hundi dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Fuulduratti, naannoleetti akka barbaachisummaa isaatti waajjiraaleen kan hundeeffaman yoo ta’u, manni maree koomishinchaas sagantaa akka baase eeraniiru.

Karoorri tarsiima’aa ba’es qamolee qoodaa fudhattootaaf dhiyeessuun galteen akka walitti qabamu dubbataniiru.

Hojiin ajandaa walitti qabuu hawaasni afaan hubachuu danda’uun waa’ee koomishinichaa hubachiisuun yaadasaa akka ibsatu ni taasifama kan jedhan Proofeesar Masfiin, bilbilaan, iimeelii fi poostaadhaan yaadasaanii dhiyeessuu akka danda’an ibsaniiru.

Hawaasni yaada dhiyeessuurratti dabalataan, mariiwwan sadarkaa giddugaleessatti taasifamaniif bakka bu’oota isaa akka filatu ni taasifama jedhaniiru.

Sagantaan hojii yaadota ajandaa walitti qabuu dhiyeenyatti kan ifoomu ta’uu Profeesar Masfiin himaniiru.

Taaddasaa Shifarraatu Gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.