Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 116tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 16tti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiise.
Torbee darbe hordoffii taasiifameen meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 2 olitti tilmaamamuu fi kan gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 14.1 baasu dameewwan Gumurukaa adda addaatti to’atamuu ibseera.
Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumurukaa Mooyaalee, Aqaaqii Qaallittii fi Dirree Dawaatti to’atamuu komishinichi himeera.
Dhimmichaan walqabatee shakkamtoonni 6 to’annoo jala ooluu isaanii ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.