Fana: At a Speed of Life!

Meeshaan waraanaa daddabarsitootan gara Ityoophiyaa gale to’atameera

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Meeshaan waraanaa garee daddabarsitoota idil addunyaatin gara Ityoophiyaa gale to’atameera.
 
Meeshaan waraanichaa garee daddabarsitoota meeshaa waraanaa idil addunyaatin kan gara Ityoophiyaa gale ta’uu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa beeksiseera.
 
Meeshaan waraanaa to’annaa jala oole karaa Jibuutitiin koonteeynara lamaan gara Ityoophiyaa galaa tureera.
 
Tuurk buufata Meersiinii karaa Jibuutitiin gara Ityoophiyaa galee buufatarra dhoksaadhan baatii 5 turuu tajaajilichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himeera.
 
Tilmaamni isaanii Birrii biiliyoona walakkaadhaa ol kan ta’an; kaartooniin saamsame 501, shugguxoonni Tuurk kuma 18 ol, meeshaaleen elektirooniiksii saamsame kaartooniin 229 dhoksaa meeshichaaf qophaa’an to’annaa jala oolaniiru.
 
Hordoffiin yeroo dheeraa taasifamaa ega tureen booda meeshichi to’atamuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa beeksiseera.
 
Meeshaa waraanaa gara biyyaa galfame fudhatanii raabsuuf qophiirra kan turan shakkamtoonni 24 to’annaa jala oolaniiru.
 
Tajaajilichi meeshicha to’achuu fi ragaa ga’aa argachuuf tajaajila odeeffannoo Jibuutii, Sudaan, Liibiyaa, Tuurkii fi Ameerikaa waliin qindoominaan hojjetamaa turuu ibsa.
 
Shakkamtoota keessaa 7 lammiilee biyyoota alaati. Isaan keessaa 2 lammiilee Siudaani.
 
Shakkamtoota hafan to’achuuf biyyoota eeraman waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu hima tajaajilichi.
 
Meeshaan waraanaa fi shakkamtoota to’annaa jala oolchuuf Koomiishinii Guumruukaa, Poolisii Oromiyaa, Poolisii Federaalaa, Poolisii Amaaraa fi Poolisii Finfinnee waliin hojjetamaa tureera.
 
Ummanni dhimmoota nageenya biyyaa booressan hordofee eeruu akka laatu, tumsa baramaasaa akka taasisu tajajailichi gaafateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.