Fana: At a Speed of Life!

Michummaa fi tumsi Chaayinaa – Afrikaa fedhii biyyootarratti kan hundaa’eedha – Waang Zhii

Finfinnee, Amajjii 3, (FBC) – Michummaa fi tumsi Chaayinaa – Afrikaa fedhii fi faayidaa biyyaalessaa biyyootarratti kan hundaa’e ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Zhiin ibsan.
Waang Zhiin jalqaba bara haaraa Faranjootaa 2022tti daawwannaa hojii biyyoota Afrikaatti taasiisaa turan xumuruu ilaalchisee ibsa laataniiru.
Chaayinaan hariiroo fi tumsa biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.
Afrikaa Abdii Guddinaan guuttamte yeroo 17ffaaf daawwachuu fi daawwannaa biyyoota kanneenitti taasiisaniin gammaduu isaanii ibsaniiru.
Jalqaba bara haaraatti daawwannaaf gara Afrikaatti imaluun isaanii michummaa biyyoota ardichaa bara dheeraaf agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru.
Afrikaa fi Chaayinaan muul’ataa tokkoo fi fedhii waloo qabaachuu eeraniiru.
Tumsi isaaniis bu’ura cimaa, dandeettii guddaa fi gara fuula durattis abdii olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Tumsa Afrikaa – Chaayinaa cimsuun fedhii guddinaa Afrikaa dabalaa jirurraa kan madde ta’uu kaasaniiru.
Waang Zhiin Amajjii 4 -7, 2022tti Eertiriyaa, Keeniyaa fi Koomoroos daawwachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.