Fana: At a Speed of Life!

Ministeera Fayyaaf meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaaf oolu Birrii miiliyoona 4.5 olitti tilmaamamu deeggarsan laatame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Ministeera Fayyaaf meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaaf oolu Birrii miiliyoona 4.5 olitti tilmaamamu deeggarsan laatame.

Dhaabbanni Paaz, Eejansii Misooma Idil Addunyaa Ameerikaa (USAID) fi dhabbanni bashanana daa’immanii meeshale ittisaa fi too’annaa vaayrasii koroonaaf oolan Birrii miiliyoona 4.5 olitti tilmaamamu deeggarsa taasisaniiru.

Dhaabbanni Paaz jedhamu meeshaalee ittisaa fi too’annaa vaayrasii koroonaaf oolan Birrii miiliyoona 2.1 deeggarsan laateera.

Eejansii Misooma Idil Addunyaa Ameerikaa (USAID) meeshaalee daranyoo sombaa qorachuuf gargaaraan Birrii miiliyoona 1.5 olitti tilamaamamu taasiseera.

Gareen Feesbuukii bashanana daa’immanii deeggarsa meeshalee Birrii kuma 200 fi kuma 23tti tilmaamamu laateera.

Deeggarsicha kan fuudhan Ministirri Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa deeggarsichi wayita tattamsa’inni vaayrasii koroonaa babbal’achaa jirutti ta’uun isaa gaarii taa’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.