Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Raayyaa Ittisaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 42.5 taasise

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisaa lammiilee Godina Waaghimiraatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Daakuu qamadii Birrii miiliyoona 42.5 taasise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Maartaa Liwiijii, deeggarsichi Raayyaa Ittisa Biyyaarraa kan walitti qabame ta’u himan.

Raayyaan wareegama qaamaa fi lubbuu kaffaluutti dabalataan ummanni wayita miidhamu deeggarsa taasisuun aantummaa ummataa akka qabu kan argisiisuudha jedhan.

Naannawaa hundi yoo walta’e fi waliigalee, rakkoo fi qormaata kamuu darbuun akka danda’amu himaniiru.

Lammiileen rakkoolee biyyattiitti mudataa jiran dhaabuuf gamtaan hojjechuu akka qaban dhaamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Bulchiinsaa Saba Waaghimiraatti Aanaa Sahaallaa Muluu, Abargellee fi naannawaalee birootti lammileen kuma 285 hongeen miidhamuun ibsameera.

Deeggarsa taasifameefis qondaaltonni godinichaa galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.