Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Alshabaab 34 magaalaa Finfinnee fi iddoowwan garaagaraatti haleellaa raawwachuuf qophiirra turan to’ataman

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyoolessaa miseensota Alshabaab 34 magaalaa Finfinnee fi iddoowwan garaagaraatti haleellaa raawwachuuf qophiirra turan qaamolee nageenyaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee waliin ta’uun opporeeshiniiwwan gaggeesseen to’annaa jala akka oolaan taasiseera.

Tajaajilichi ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ergeen, miseensonni Alshabaab kunneen wayita taateewwan amantaa ayyaanaan walqabatanii gaggeeffamaan eeguun haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf qophiirra akka turan dhaabbata nageenyaatin sakattoo fi qorannoo gaggeeffameen bira gaa’ameera.

Kanaanis magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti haleellaa cimaa raawwachuuf shiraa xaxuun qophaa’aa turuus, cancalaa garichaa hordofuu fi ragaa sassaabuun haleellichi akka raawwatuuf qopha’aa kan turan miseensonni Alshabaab 34 to’annaa jala ooluun shirri karoorfamee ture fashalaa’eera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.