Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Pirojektii Bakka Dhaabbii Konkolaataa Paarkii Tokkummaa eebbisan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad pirojektii bakka dhaabbii konkolaataa Paarkii Tokkummaa eebbisaniiru.

Sirna eebbichaarrattii Giiftii Duree Zinnaasha Taayyaachoo, Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltonni hojii mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Sirna ebbichaarratti Muummeen Ministiraa ergaa dabarsaniin hojiilee dhaloota ittaanuu gitan xumuraa, fakkaattii Ityoophiyaa borii ilaalaa jirra jedhaniiru.

Pirojektoonni Finfinneetti ijaaramaa jiran kaleessa, har’aa fi boruu kan walquunnamsiisaniidha jedhanii hojiileen hunduu badhaadhina Ityoophiyaa kan mirkaneessan ta’uu ibsaniiru.

Pirojekticha Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Birrii biiliyoona 1.7 oliin kan ijaarsise yoo ta’u, lafa karee meetira kuma 9 irratti kan ijaaramee ta’uun ibsameera.

Mana tiyaatiraa, manneen nyaata aadaa, suuqiiwwanii fi manneen bashannana biroo kan qabuu ta’uun eerameera.

Pirojektiin bakka dhaabbii konkolaataa kun konkolaattota kuma 1 fi 20 ol keessummeessuu kan danda’u ta’uun eerameera.

Dabalataan pirojektichi holqa lafa kan qabu yoo ta’u Paarkii Tokkummaan kan walquunnamu ta’uun, paarkichi bakka hawwaata tuuristootaa idil aaddunyaa ni ta’a jedhameera.

Pirojektchi tajaajilaa waliigalaa kan kennuu fi danaa isaa utuu hinjijjiiriin dhalootatti akka darbuttii kan hojjetame ta’uun ibsameera.

Bakkii dhaabbi konkolaataa kun, Masaraa Mootummaa, Goola Hambaa Saayinsii, Addaabaabyii Michummaa Boqonnaa 1ffaa, 2ffaa fi pirojektoota biroo Addabaabaayii Masqalaa hanga Mana Kitaabaa Abirihootitti bakka hawaasni walga’uuf giddugala tokko ta’ee kan tajaajilu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.