Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Chaayinaa naannoo Tigiraayitti hojii deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu taasifamu akka deeggartu beeksifte

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) – Chaayinaan mootummaan Ityoophiyaa hojii deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu naannoo Tigirtaayitti taasisu akka deeggartu beeksiftee.
Dubbi Himaan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin biyyi isaanii naannoo Tigiraayitti lammiilee sababa olaantummaa seeraa kabachiisuun miidhaman akka deeggartu himaniiru.
Kanaanis, lammiilee miidhamaniif nyaata yeroo ariifachiisaa akka deeggartu beeksisaniiru.
Hawaasni idil addunyaa naannichatti nageenyi bakka duraan turetti akka deebi’uuf qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.