Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Federaalaa Tigraayitti deeggarsa namoomaa hatattamaa dhiyeessaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2015 (FBC)- Mootummaan federaalaa Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsi barbaachisuuf, deeggarsa namoomaa hatattamaan dhiyeessaa jiraachuun Koomishinii Hoggansa Soda Balaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa beeksise.

Deeggarsi namoomaa naannichatti dhiyaachaa jiru gama Koomishinii Hoggansa Soda Balaa Federaalaan ta’uun eereera.

Midhaan nyaataa koomishinicharraa ergame lammilee deegarsa barbaadaan aanaalee naannichaa 17’tti argamaniif kaleessarraa eegalee waliingahuun akka danda’ame Daayrektarri Qophii Duraa fi Deebii Hatattamaa Koomiishinichaa Obbo Gabiregzaabeer Aregaawwiin TOI’f ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.