Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan marsaa 3’n midhaan deeggarsaa kuntaalaa miiliyoona 1 fi kuma 700 ol lammiileef raabseera-TKM

Finfinnee, Mudde 20, 2016 (FBC)- Mootummaan baatii Adoolessaa darberraa eegalee lammiilee balaa lolaa fi hongeen miidhamaniif marsaa 3’n midhaan deeggarsaa kuntaalaa miiliyoona 1 fi kuma 725 lammiilee miidhamaniif raabsuu himaniiru.

Ministirri Tajaajichaa Dooktar Laggaasaa Tulluun haalaa yeroo biyyattiirraatti ibsa miidiyaaleef kennaniin barana lammiilee balaawwan uumamaa fi namtolcheef saaxilamaaniif dhaabbilee tumsitootaa fi mootummaadhaan deeggarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu himan.

Haaluma kanaan Naannoo Amaaraa godinaalee 8, Naannoo Afaar godinaalee 4, Naannoo Tigraay godinaalee 4, akkasumaas naannolee birootti lammiileen miiliyoona 3.8 hongeef saaxilamuu ibsaniiru.

Naanoolee Somaalee, Kibba Itiyoophiyaa, Nannoo Oromiyaa, Amaaraa, Gaambeellaa fi Afaaritti lammiileen miiliyoona 1.5 balaa lolaaf saaxilamaniiru.

Balaa lolaa kanaan midhaan lafa qonnaa hektaara kuma 125, akkasumaas lafa dheedumsaa hektaara kuma 123 mancaatiin mudachuu ibsan.

Beeyladoonni kuma 21 fi 500 balichaan du’uu, dhaabbilee fayyaa, barnootaa fi kanneen biroo manca’uus kaasaniiru.

Naannolee balaan lolaa mudate kanneenitti haalli dhibeewwan garaagaraa akka babal’ataan haalli taasisu umamee turuu yaadachiisaan.

Mootummaan baatii Adoolessaa darberraa eegalee lammiilee balaa lolaa fi hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisaa jiraachuu fi marsaa 3’n midhaan deeggarsaa kuntaalaa miiliyoona 1 fi kuma 725 lammiilee miidhamaniif raabsuu himaniiru.

Kunis maallaqaan, kan dhaabbilee tumsitootaan taasifame dabalatee Birrii biiliyoona 15.2’tti kan herregamuu ta’uu dubbataniiru.

Gama biraatiin, tibbana ‘Hongeen Naannoo Tigiraayitti mudate jeequmsa bara 1977 kan gitutti ce’aa jira’ jedhamuun ibsi kenname dogoggoora ta’uu dubbataniiru.

Taateen sadarkaa akkanaa kan labsamu sadarkaa Federaalaatti Mana Maree Hoggansa Sodaa Balaan ta’uu eeranii, manni marichaa naannicha bakkoota afuritti hongeen mudachuu mirkaneessus, hongee 1977 gitaa kan jedhu ibsi baase hinjiru jedhan.

Dhaabbileen tumsitoota deeggarsaa namoomaa taasisan addaa kutanillee mootummaan pirojektoota misoomaa dachaasuun naannawaa biroorraa haala fooyya’iinsa qabuun baajata gahaa ramaduun Naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.