Fana: At a Speed of Life!

Murtoon bulchiinsa daangaa GAONF fi Magaalaa Finfinnee furmaata hudhaa bara dheeraati – TKM

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) – Murtoon bulchiinsa daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinnee hudhaa bara dheeraa kan fure ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Bulchiinsa daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinneerra akkaataa waliigalteerraa ga’ameen naannawaaleen Oromiyaa fi Finfinneetti daangeffaman ifoomaniiru.

Waliigaltee Daangaa bulchiinsaa irraa ga’ame ilaalchisuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa laateera.

Murtichi bulchiinsa daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinnee gidduutti hudhaa bara dheeraa kan fure ta’uu eereera.

“Fanjiin walitti bu’iinsaa awwalame” bilchinaan furamanii, gara badhadhinaatti imalaa taasisuu cimsee akk itti fufuu kan mirkaneessu ta’uu himeera.

Waliigalteen qaamolee lameen gidduutti uumame dhimmoota iddoo biroofis fakkeenyaa ta’uu kan danda’uudha jechuun ibseera.

Caasaalee bulchiinsaa kamiiyyuu gidduutti daangaan barbaachisaa ta’uus, dhimmi daangaa bulchiinsaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fi magaaalaa Finfinnee jiraattootarratti dhamaatii fi miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa turuu eereera.

Murtichi aalseerummaa ittisuu, olaantummaa seeraa waloon mirkaneessuu,misoomaa fi guddina waloof furmaata waaraa ta’uu isaan qaamoleen hundi hojiirra oolmaa isaaf tumsuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.